OROMO SCIENCE ASSOCIATION

OROMO SCIENCE ASSOCIATION

Menu

Qorannoo-OSA fi Idil-Addunya

19 Jan 2026

FALAASAMA OROMO

Dhaloota jabanaa kan sagantaan Falaasama alagaa dhamaase kana dhinuuf falaasama Oromoo beeknee barsiisuutu fardiidha.


Akka Falaasama Oromootti yoo ilaalle.... Birkiin SIRNA, Wantoonni hundi gulantaa walitti hidhaa tahe qaba. Kun, Gaaf’iilee hedduuf deebiin tokkuma taha jechuudha.


Oromoon hogguma jalqaba uumame irraat waaqatti bula. Dhiyoon tana.... Oromoon bara kuma meeqa dura waaqeeffachaa ture gaaffii jedhuuf dhaha Oromoo ykn Oromo calendar kan bara/waggaa 6000 ol umurii qabu ilaaluun ammoo ka baroota kumaatama dhiyoof akka ragaatti deebii gahaadha. Yoo Oromoon bara 6000 dura waaqeeffachaa ture amantaa Waaqeffannaa keessaa sirni Irreeffannaa waan qaama waaqeeffannaa ta'eef “Oromoon bara meeqaaf, Irreeffachaa ture?” gaaffii jedhuuf deebii ta'uullee ni mala beeki...


Inni kan biroon wanti nama ajaa'ibu keessa deebiin kun gaaf’ii biraa kaasti. Innis '“Oromoon bara kuma jaha (6000) dura.... Eessattitu Irreeffachaa ture..‽” Kan jettu ta'a.


Yoo Oromoon bara 6000 dura irreeffachaa ture, sirna irreeffannaa san gaggeessuuf lafa margaatiifi haroo isaan barbaachiisa. Eega akkas ta'ee lafti gaanfa afrikaa keessatti haroo hammana gahu qabuu lafa kamii..?


Deebiin isaa...

Lafa amma Oromoon irra jiraachaa jiru kanarrayyuu dur lafa Oromoo kanarra haroo hedduutu jira ture.


....Hedduun isaanii nii goggoganii duudaniit jiran... Kana dhalootni sirriitti irratti hojjechuu qaba. Seensa Amantii fii Sirna dhibiin booda wantoonni akka sabaatti dhabne keessaa ( Hora, Haroo, Hara, Horii....) nuti har’a argaa hin jirre danuut jirani. Hedduun isaanii sadarkaa dagatamuurra jiran. 


Ammoo.... 

 Barbaadamanii qotamanii baafamuu qabu. Irraanfatamanii hafuu adoo hin taane, Baafamanii... Itti irreeffatamanii gabbifamuu qaban.


 ➛ Kanneen k.m 60 olii haroo lama akka ture ni beektu mitii..?

Isaanoo eenyuuf eenyu jedhamu?


 ➛ Hora Oromoon dur itti Irreeffatu meeti?

- Hora Oromoon dur loon obaafatu meeqatu naannoo ati jiraattuu duudee jira. Qoratee, manguddoo gaggaafatee kan hora san baasee loon obaafachuu qabu dhaloota har’aati.

Itti dammaquu feesisa!


➛ Sagaltamman Gabraa hoo eenyufaati, Mee eessa jirani? Gulantaa fii taligaan isaa maali jedhee dhalootni qorachuu qaba....


FALAASAMA OROMOO - keessaa inni ka biroon....

➛ Bara, Sirna Gadaa keessatti Oromoon yeroo bara saddeet saddeetitti aangoo/baallii walii dabarsitu san,

Sirna saniin sirna Baallii walirraa fuudhuu jennuun...

Baalliin bakka tokko tokkotti Baallee jedhamuunis beekama. Baalliin yommuu waliif dabarfamu baalliin kunis Baallii/Baallee Guchiiti. Garuu maaf baallii Guchii filachuu danda'an jettee yaadda?


Falaasamni kun seenaa bara dheeraa qaba. Kana malees baalliin Guchii Addunyaa irratti uumamni qaroo jedhaman hedduutu dhimma itti bahee jira. Garuu kan dura baalliin wal muudu jalqabe ummata Kush hoggaa ta'u seenaa warra Egyptian kan bara 4000 duraa mootii 'Hora pollo' wajjiin wal qabata.


Garuu baalliin guchii sirna Gadaa keessatti malattoo walqixummaatillee...

Akkuma beekamu baalliin/baalleen guchii gama lachuutiin ykn gama bitaaf mirgaatiin dheeriini baalliidha, walqixa akka qabus ni beekama.


Unkaa...?

Unkaa Guchii irra dhaabbannee yoo fakkoo qoranne, Fakkoon/fakkaattiin Guchii ka wal fakkeenya guddo qabduun Uummoodha.


Uummoo‽ Uumaa‽ Uumee‽ Uummata‽ Uumama...‽ (Ruutiin/hundeen jechoota kanneenii afaan Oromoo keessatti maaf wal gula deema?)


 Killee uummoo argitee ni beektaa?

(Garaagarummaan Killee, Hanqaaquu, Buubbaa maali?)

Garaagarummaan (Koochoo, Koola, Goflaa, Baallee hoo maali?


Cuucii uummoo argitee ni beektaa? 

Uummoon eessaa dhufti, Waqtii tam keessa dhufti.

Uumamtee dhufti moo asumatti argamte?

Caaccuu Uummoo dhaltuu maaliif halluu buulo/cuqiliisa'e yaaddeettaa? Oromoo gaafatteettaa?

Cuquliisni hoo maaf loon gula yaate? Oromoon halluu kanaaf dhugeeffannoo akkamii qaba?


Gahee fii hojiin, Uummoon Spritual qabdu maali?

Yayyaba Oromoo shanan keessatti Uummoo rimaada akkamii keessatti argamti? Yayyabni Guchii hoo?


Akka afoolaatti, Akka Sheekkootti, Akka hayyoommii-beekkomsa Oromoorti, Akka dubbii fii dudubbii Oromootti uummatni keenya waayee uummoo maal jedha? Waan Guchii hoo?


Allaattii Gosa shantu jira!


1. Allaattii Qilleensarra fagaatanii barrisan,

2. Allaattii Ragaa,

3. Allaattii Bishaanii,

4. Allaattii Lafaa,

5. Simbirroota...


Rimaada kana akkamiin ilaalte?


Dhimma barristootaa kanarratti, Kanneen akka yayyaba Ayyaanaatti jiran ni beektan jedheetin abdadh’a.


Dhimmi “Oromoon allaattii hin nyaatu” jettu takka as keessatti deebii argatti. Lukkuu nyaachuunis Oromoo faana hin deemtu, yoo falfalamuu taate malee...

Dur... Warri keenya dhaamsa fa’aaf allaattiileetti fayyadama jedhama.


Lukkuu nyaachisuu erga jalqabaniit, Falfalaaf lukkuutti fayyadamanii akka Oromoo caphsan seenaa ifa jiruudha.


➛ Simbirrooleen hoo maali?

- Dhimma Cuquliisaan wal qabatufaa....

- Halluun martinuu simbirroota biyya keenya guutte kanaan damboobfamte. Yoo Beekkomsa Oromoo ka gam Simbirrootaan jiru hin beekin, Lola halluu qolachuun ni dhibdi... 


Lolli halluu gurguddotu Oromoo/Kush irratti taasifamaa ture, ittis jirama (Ani dheengadda kutaa tokkoffaa) jechuun isiniif tuttuquu yaaluun kiyya ni yaadatama.


 ➵ Kottee..? Qeencha..? 


Waayeen gulantaa Qeensaa waan danuuf nu fayyaddi. Rimaada kottee yk horii qeenchaa jedhamanii san beekuun ni dursa.

➛ Qeensi maali?

➛ Gulantaan qeensaa akka ayyaanaatti maal fa’i..?

➛ Dhugeeffannoon Oromoo, Aadaa, Duudhaa fii hooda akkamii qaba? Hayyoommii-Beekkomsa Oromoo nuti irraa hubannu hoo maali? 


Hoodni mallattoo beekkomsa Oromooti...


Hoodata Oromoo keessaa tokko;

Dur... Yommuu nuti mana keessa teenyee qeensa qorannu warri keenya akkaan nuun lolu, nutti dheekkamu. Akka waan badii guddoo tokko gooneetti nutti dheekkamaniiti, “Mana keessatti qeensa qorattaa..‽” jechuun sagalee dheekkamsaa fii rifachiisaa ta’een nu naasisu.


Erga nuun lolaniin booda;


“Qeensa mana keesaatti qorachuun sirrii miti, lammata waan akkanaatti deebi’in. Amma isa mana keesaatti qoratte kana hunda lafaa funaaniitii... Dafii, gad baasii mana jalatti awwaali...” nuun jedhu.


Kuni maal ibsa? Maaliif akkana nuun jedhu? Nutihoo maal irraa baranne?


Ayyaanota uumama lubbu qabeeyyii hedduun qeensa wajjin argama. Bineensonni, Allaattiilee fii warreen barrisan kamuu qeensa ni qabu. Horiileen illee kottee duudaa fii horii kottee ykn qeensaa ka jedhamanuu ni qaban jechu’u.


Ayyaana uumama namaa wajjinis qeensi ni jira. Namni kamuu gaaf dhalatu qeensa qaba. Gulantaan ayyaana namaa qeensaan akka dhugeeffannoo Oromootti maali? 

Faayidaan qeensaa maali? 


Ammoo ani akkan hubadhetti, Oromoo inni Ayyaana isaatti jiraatu Orom-dur Geejjibaaf waa baay’ee fayyadaman. 


Kotte duudan (Fardi, Harree fii Gaangeen) isaan keessaa birkii tokko haa ta’aniyyuu malee Kuush kun dur irra guddeessa kan inni fayyadamu;

Warra barrisuu danda’an jedhama.


Sadarkaalee fii gulantaa yayyabaatiin...

- Baallee, Koola, Goflaa, Koochoo....

- Killee, Hanqaaquu, Buuphaa, hanga hoosiftootaa...

Isaan kun akkuma yayyabaan garaagara tahan, gulantaanis garaagari...


Fakkeenyaaf:-


    ➵ Yoo akkuma Egyptian Ancien Kush keessatti akka itti yaamaniin yaamne...

➛Saawuroos maqaa fardaati, Ji'oota keessaa baatii bahan qabu halkan keessa guyyoota sadii qofa bobbahanii deebu... Gaadaa hin galan, Goodaa galu malee jechu’u. Qaama isaan bobbaasee ol deebisutu jira. Yeroo isaan bahan waan beektuun halkan Addeessa ilaaltee akka bahan bartee dhaqama. Ani bara darbe nama 1 dabaladheetin dhaqe,...


 Akkaataan beektuun, moggaasa maqaalee baatiiwwanii fii ayyaanota 27n baatiin qabu beekuu faana wal qabata. Irra-guddeessa guyyootii akka 14, 16, 17 faa irra bu’a. Guyyoota sadii baatii keessaa yommuu jennu, Barbaadan isaan guyyoota baatiin tokko qabu hundayyuu fedhan bobbahuu ni danda'u ammoo namni agartiif kan isaan sana ijaan arguu danda'u guyyoota sadeen sana qofa. Ani bara darbe yommuun dhaquuf jedhee imala taasisuuf murteeffadhe, Guyyoota isaan itti mul’atu jedhaman nama beekuu wajjin halkan bakkee dhaabbannee yoom akka tahellee Baatii ilaallee ergan bareetin imaltaawe. Fageenyarraan imalee dhaqe. Guyyoota sadeen sana ogummaa beekkumsaa kan waaqni ayyaanaan nama badhaaseen halkan bakkee dhaabbattee fuula kee gara addeessa/ji'a halkan bahu saniitti garagaltee ilaaltee yoom akka isaan bobbahan argitee beektee dhaquu dandeessa jechuudha.


 Guyyaan sun akka tasaa Irreecha Finfinnee fii Bishooftuu irra bu’e anillee Irreecha irreeffadhe. Garuu ija ji'aa irraa mallattoo akka jarri bahan ittiin beektu qofa agarta malee, Kan ati fardeen kana ijaan arguu dandeessuun yoo goodaa sana dhaqxe qofa. Walumaa gala yeroon argamuu isaanii baatii keessaa guyyaa sadii qofa, Bakki argamuu isaanii Bosona guddaa keessaa fii Galaana guddaa faa keessa, Garuu soddommanuu halkan halkan inuma bobbahanii deeban jedhama. Barana yoon 40n carroome nan dhaqa...


Guyyoota sadan kanayyuu isaaniin argattus akka salphaatti goodaa isaan keessaa bahan sana beekuu hin dandeessu, Innis ulaagaa fii tartiiba qaba. Yoo ayyaanofte guyyaa Fardeen koolaa kun bobbaafamtu sadeen halkanirraa yoo achitti argamte itti milkoofteetu fardeen sana kortee balaliitee goodaa banaa (Dachii fii Ruuda mara, Uumamaalee nuti asirratti ijaanuu arginee hin beekne ka yoo gosoota isaanii tokko tokkoon beekuuf lakkoofteeyyuu lakkooftee fixuu hin dandeenyetu jira haala ani jedhe saniin iddoo addaa kana fardeen koolaa kanaan dhaquu dandeessa. Geejjibni olaanaan ka ayyaana, Spiritual fii Dambooba faana wal quunnamtuun tu jira.


Warra abbootii WISDOM ta'an kanneen bara irraa baratti lufuun wisdom adeemsisaniif jecha fardeen kunneen uumaman jedhama. 


Warroota umurii hedduu jiraatan, namoota hin duune faa.... Dhimmootii damboobsii of keessatti qabata. Isaan kun, Akka isaan itti faayidaawaniif abbaa fedhan bakka fedhanitti erguuf itti faayidaawwan, Gadaa gurguddoo addunyaa kan waggoota qidjaaberaa san illee Gadaa-Gadaatti qidjaabera biroon yoo deebitee deemta tahees inuma jiru, Qidjaaberaan illee inuma jiran jedhama.


Isaan kun (Geejjibdoota) barrisuu danda’aniidha. Waan jarri ittiin sochu'uuf qaban koola, ni bararu. Goodaa keessaa bobbahanii deebi'an iddoo dinqii tahe qabu, Namoota qaamota Wisdom sochoosaniif (Super-Man) dhaaf uumaman. Geejjibdoota olaanoodha, Isaan kortee Goodaa san dhaqxa.


Isaan Wisdom warri jedhaman, Ayyaantuuwwan Ayyaana hayyoommii fii dambiin-dambooba tolanii damboomsan sunniin fardeen kana qofaan sosso'uu danda'u jechuudha miti. Maaliif jennaan kan ifaan deemanis, Kan Qilleensa irra bahanii akka xiyyaaraatti qilleensumaan sosso’anis, Ka dukkanaan deeman warra humna olaanaa jedhamans illee ni jiran. Ka bishaaniin sossohanis...


 Erar...

Iddoo keessaa waan danuu wantoota adoo ijaan ilaaltuu amanuun u'ulfaatu hedduu kan arginu qabna.


Afaan Oromootti jechootni Koola, Goflaa, Baallee, Koochoo jedhaman sadarkaa sadarkaan kaa’amani, san qoradhu jechumaafi...


Via Abdiisa Tumme

Guchii

Guchii

17 Jan 2026

Waa'ee guyyoota oromoo(the days philosophy according to oromo people mythology) Via Abdisa tumme

Beekkomsi Ayyaana Oromoo Walxaxaadhaa? Iccitii fii dhoksaa Lakkoofsaa hubachuun barbaachisaadha.


 Oromoon Ayyaana 27 kan maqaan isaanii Bitaa Qaraa, Bitaa Lammaa, Gardaaduma, Sonsa, Sorsa, Rurruma, Algaajima, Lumaasa, Arbaa, Gidaadaa, Walla, Ruuda, Basa Duraa, Basa Balloo, Areerii Duraa, Areerii Balloo, Carraa, Adulaa Duraa, Adulaa Balloo, Maganattii Jaarraa, Maganattii Biriitii, Garba Duraa, Garba jedhaman qaba Ballaa, Garbaa Dullachaa, Salbaana Duraa, Salbaana Ballaa, Slabaana Dullaacha... Walumaagalatti ji'a tokko keessatti Ayyaana 27 kan qabu. Sirna kana keessatti karaalee lakkoofsi 3 fi 9 gahee dhoksaa itti taphatan hedduu argachuu dandeenya.


Tokkoffaa, akka iccitii lakkoofsaa duriitiin,

27 akka lakkoofsitti 9 waliin walqixa, i.e. 2+7. Ji’oonni akka idileetti tokkoon tokkoon isaanii guyyaa 30 kan qaban yoo ta’u kunis akkaataa seera walfakkaataa iccitii lakkoofsotaa (3+0) keessatti tumameen 3 waliin walqixa.


Kana malees sirna lakkaa’uu fii hiikuu Ayyaanaa keessatti guyyoonni 3 hafan osoo hin ibsamin hafuu qabu. Kan hin ibsamne 3 kan hafe 27 ayyaanaa ji'a tokko keessatti argamu sanuu sadeentu ibsa. Lammaffaa, 27ffaan 3 hin ibsamneen ibsamuun isaa 3 kan hin ibsamnetti akka qoodamu taasisa kunis bu’aan isaa 9 fii kanaanis gahee dhoksaa lakkoofsa 3 fii 9 keessatti dhugaa akka ta’u taasisa. Sadaffaa, Ayyaanaa 27 armaan olitti dhiyaatan keessaa 5 yeroo lama mul’atu, i.e. 2x5=10. Lakkoofsi 10, 1 wajjin walqixa i.e. 1+0. 


  Isaan keessaa 2n immoo yeroo sadii dhufu, i.e. 2x3 kunis 6. Ayyaana keessaa kan irra deddeebi’u 16.


 Kanneen hafan 11 Ayyaana tokkoon tokkoon isaaniit al tokko dhufa kunis bu’aan isaa 2.


 Dhumarratti, waliigala Ayyaana kan yeroo lama, sadii fii al tokko mul’atu 9.


Kana malees, sirni Booranaa Ayyaana lakkaa’uu urjiilee bu’uuraa torban Lamii jedhamanii moggaafaman irratti wabii astronomical qaba (Triangulum), Busan (Pleiades), Algajima (Bellatrix), Bakkalcha (Aldebaran), Arbaa Gadduu (Oriyoon Giddugaleessa), Urjii Walla (Saiph) fii Basa (Sirius). Laurance R. Doyle maxxansa isaa ‘Ancient African Skies’ irratti maxxanfame keessatti, utubaawwan maqaa isaa afaan Turkanaan "Namoratunga" ykn afaan Turkanaan “Namoota dhagaa” jedhee waamu irratti hundaa'uun ragaa saayinsii fide ani naaf taheet ture.


  Akka qorannoo kanaatti, kaayyoo astronomical, calendar Booranaa lakkaa’uuf kan ijaaraman ta’uu himamaa ture, umriin isaanii waggaa kuma lama lama ta’uun isaanii ni beekama.


Doyle walitti dhufeenya cimaa dhagaa Boorana ijaaramee fii Piraamidii Gibxii gidduu jiru saaxilee jira.🙏


  Walfakkeenya dhiyoo akkasii irraa kan ka’e ta’uutu namaaf gala, gaheen dhoksaa lakkoofsa 3 sirna ji’oomeetirii Oromoo/Booranaa keessatti gatii gatii Paayitaagooriyaan π(pi=3.14) kan inni reeshiyoo naannoo geengoo fii daayameetira isaa jedhee ibsu wajjin walqixa jechuun ni danda’ama. Akka Doyle jedhutti Namoratunga Booranaa utubaawwan 19 tokkoon tokkoon isaanii gatii astronomical qaban.


  Lakkoofsichi 19 1+0 yoo ta’u kunis 1 waliin walqixa. Akkasumas falaasamni Paayitaagooras kanaan kan ijaarame yoo ta’u gahee lakkoofsa 1, lakkoofsa inni akka yuunitii uumama cufaatti ilaalu irratti xiyyeeffannoo guddaa kenna jechuudha.


Ani barruu kanaa Guyyoo Dooyyootin wabeeffadhe.


Dabalataan akka qorannoo Guyyootti;

 

Nikola Tesla (Abbaa Icciitii Lakk.)


Lakkoobsota 1-9 Jiran kamuu yeroo 3 (xxx, yyy, zzz) Jettee, Ergaa barreessiteen duuba hanga isaan Digit 1tti (X,Y,Z) Deebi’anitti irra deddeebi’un yoo walitti idaate, Deebiin 3, 6 fii 9’n ala hin baatu... kan jedhuudha.


111=3, 222=6,333=9, 444=12=3, 555=15=6, 666=18=9, 777=21=3, 888=24=6, 999=27=9.


Nikola Tesla, Beekaan icciitiin tan hubate,

Yoo dubbatu; “Humna Lakkoobsii 3, 6, fii 9 qabu hubatte furtuu icciitii Jireennaa harkatti galfatta” Jedha jechuun ibsa.


Akka Nikola Tesla jedhutti, ga’een 3,6 fii 9 Physics keessatti qabdu, Ga’een Lakkoobsonni 3’n Walitti aananii yoo taa’an (369) waan maadee (Magic) Keessatti qabaniif ga’een Lakkoobsonni kun yeroo Lama Lama irra deddeebi’anii yoo Dhufan (369369) tasgabbii fii hariiroo Uumuu keessatti qaban Adunyaa hubachuu keessatti furtuu addaati, jechuun qorannoo Guyyoo keessatti, Yaadni isaa akka baayyee gargaare hima...

27 Nov 2024
Karrayyu- karra hayyuu

Karrayyu- karra hayyuu

Waldaa saayinsii oromoo jalqabuun maaliif barbaachise?

Waldaa Saayinsii Oromoo (OSA) jalqabuun sababoota adda addaatiin, keessumaa qorannoo saayinsii, barnoota, fi hirmaannaa hawaasaa ummata Oromoo guddisuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu danda’a.  Waldaan akkasii barbaachisaa ta’eef sababoonni hedduun kunooti:

 1. Qorannoo Saayinsii Guddisuu

Qorannoo Jajjabeessaa: Waldaan Saayinsii Oromoo tokko qonna, fayyaa, saayinsii naannoo, fi teeknooloojii dabalatee dhimmoota hawaasa Oromoo ilaallatan irratti qorannoo jajjabeessuu danda’a.

Qorannoo Deeggaruun: Waldaan kun hayyoota Oromoo fi barattoota hordofaniif deeggarsa fi qabeenya kennuu danda’a  hojii saayinsii fi teeknooloojii, dhaloota haaraa qorattootaa guddisuu.

 2. Barbaachisummaa Aadaa Saayinsii keessatti

Beekumsa Dhalootaa Walitti Makamuu: Waldaan kun beekumsaa fi hojmaata aadaa Oromoo mala saayinsii ammayyaa wajjin walitti makuu, barbaachisummaa gaaffii saayinsii haala naannoo keessatti guddisuu ni danda’a.

Qorannoo Aadaa Miira Qabu: Qorannoo aadaa Oromoo kabajuu fi of keessatti hammate haala mijeessuu danda’a  gatiiwwan, bu’a qabeessaa fi itti fufiinsa qabutti kan geessudha  furmaata qormaata naannoo.

3. Ijaarsa Dandeettii fi barnoota

Sagantaa Barnootaa: OSA sagantaalee barnootaa fi workshopii dargaggoota Oromoo fi hawaasa bal’aa biratti dubbisuu fi barreessuu saayinsii fooyyessuuf kaayyeffate qopheessuu ni danda’a.

Scholarships and Grants: Waldaan kun barattoota Oromoo damee saayinsiitiin digirii hordofan deeggaruuf scholarship fi grant hundeessuun ni danda’ama garaagarummaa barnootaa furuuf.(our goal in the future)

 4. Rakkoolee Naannoo Furuu

Furmaata Hawaasa Irratti Xiyyeefate: Dhimmoota naannoo kan akka qonnaa, fayyaa, fi itti fufiinsa naannoo irratti xiyyeeffachuudhaan, OSAn furmaata fedhii hawaasa Oromoo wajjin walsimu qopheessuu fi guddisuu danda’a.

Qorannoo Dhimmoota Hawaasummaa: Waldaan kun bobba’uu ni danda’a qorannoo dhimmoota hawaasummaa ummata Oromoo miidhan, kan akka godaansa, buqqa’iinsa, fi garaagarummaa fayyaa irratti.

 5. Abukaatummaa fi Bakka Bu’ummaa

Haasaa Saayinsii Keessatti Sagalee: Waldaan Saayinsii Oromoo tokko waltajjii saayintistoonni fi qorattoonni Oromoo marii saayinsii biyyaalessaa fi idil-addunyaa irratti akka dhaga’amu taasisuudhaan, marii saayinsii biyyaalessaa fi idil-addunyaa keessatti akka dhaga’amu waltajjii ni taasisa ture.

Policy Influence: Waldaan kun imaammata leellisuu danda'a qorannoo saayinsii fi barnoota naannoo Oromoo keessatti gaggeeffamu deeggaruun, hawaasni fedhiin jiru ni ilaalama.

 6. Walitti dhufeenya

Neetworkii fi tumsaa: OSAn saayintistoota, qorattoota, fi barsiisota Oromoo gidduutti neetworkii gochuuf haala mijeessuu danda’a, tumsaa fi beekumsa qoodu guddisuu.

Dhaabbilee biroo waliin walta’iinsa: Waldichi carraa qorannoo guddisuuf yunivarsiitiiwwan, dhaabbilee qorannoo, fi dhaabbilee biroo waliin tumsa uumuu danda’a fi qabeenya hawaasa Oromoof.

 7. Kalaqa Jajjabeessuu

Dirreewwan STEM Guddisuu: Barnoota saayinsii, teeknooloojii, injinariingii, fi herregaa (STEM) guddisuudhaan OSAn hawaasa Oromoo keessatti kalaqaa fi abbootii qabeenyaa kakaasuu danda’a.

 8.Dhaabbilee Jalqabaa Deeggaruun: Waldaan kun dhaabbilee jalqabaa saayinsii fi teeknooloojii fedhii naannoo guutuu fi carraa hojii uumuu danda’an gargaaruu danda’a.

Dhumarratti

 Hawaasa Oromoo keessatti gaaffii saayinsii, barnoota, fi kalaqa guddisuuf Waldaan Saayinsii Oromoo hundeessuun barbaachisaa dha. Qorannoo aadaa wajjin walqabatu guddisuu fi qormaata naannoo furuudhaan OSAn hawaasa humneessuu, dubbisuu fi barreessuu saayinsii guddisuu, fi misooma itti fufiinsa qabuuf gumaachuu danda’a. Kana malees, haasaa saayinsii bal’aa keessatti abukaatummaa fi bakka bu’ummaaf waltajjii ta’ee, sagalee fi fedhiin ummata Oromoo beekamtii akka argatamuu fi furmaata akka argatu taasisa ture


Barreessa: Aaga Garbii

Cookie settings
X
This site uses cookies to offer you a better browsing experience.
You can accept them all, or choose the kinds of cookies you are happy to allow.
Privacy settings
Choose which cookies you wish to allow while you browse this website. Please note that some cookies cannot be turned off, because without them the website would not function.
Essential
To prevent spam this site uses Google Recaptcha in its contact forms.

This site may also use cookies for ecommerce and payment systems which are essential for the website to function properly.
Google Services
This site uses cookies from Google to access data such as the pages you visit and your IP address. Google services on this website may include:

- Google Maps
- Google Fonts
Data Driven
This site may use cookies to record visitor behavior, monitor ad conversions, and create audiences, including from:

- Google Analytics
- Google Ads conversion tracking
- Facebook (Meta Pixel)