Poortifooli-OSA
Dhaabbatni OSA eenyu?
Dhaabbanni OSA adeemsa fooyya'insa(progress)saba isaarratti hundaa'e marsariitii kanarratti haa qabaatu malee dhaabbata dhuunfaan socho'u muldhata,kaayyoof galma mataasa qabudha.jalqabatti waldaan saayinsii oromoo kun falaasama irraa madde qabachuurra darbe eenyummaa mataasa kan qabuuf ejjennoo cimaa mataasaan kan socho'udha.
Muldhanni dhuunfaa kun afaan oromoo hundef bu'uura jalqaba godhate haa socho'u malee rakkoo afaani hin godhatu.ammatti hawaasa barateef barsiisota aksms namoota beekumsan damee garaa garaarra jiran yoo ofitti hin makne illee ammayyu gulaallii yaadaf hojiin baldhaan fuldura akka jiru hubate kan hojjetudha.oromoon saba baldhaa ta'uurra darbe aadaa,uffannaaf loqoda baldhaan handhuura biyyatti qabate argama.
Hojiin baldhaan akka hojjetamu maluu beekkamadha darbees nuu hafa garuu ammatti hawaasni biyyattis harki baay'ee ta'e sabni baldhaan oromoos meeshaale dijitaalayizdif intarneetan akka gaariittif ta'u malutti waliin barre.rakkoon kun dhaabbata kamuu ijaaruufis ta'e irratti hojjechuuf gufuu guddaa ta'uu maluyyu gurmuun ayyaana tokko tabba guddicha jigse kana qindeessuf irratti hojjetees hawaasa fayyadu danda'a akka amantaatti.
Eenyumman keenya,kaayyoof muldhanni keenya gargar ta'u mala haa ta'u malee galmi keenya tokkodha.galmi nuti akka walootti qabaannu tokko oromummaa sirna maraan ijaarre dibaabe sirnoota Idil-addunyaa waliin hiriirsisuudha.
OSA'n sirna!
Barreessa:Aaga Garbii
OSA'n Maaliif Ijaaramuun Barbaachise?
Waldaan Saayinsii Oromoo (OSA) hawaasa Oromoo keessatti ibsaa kalaqaa fi beekumsaa ta’ee tajaajila. Akkuma sammuu ampuulii keessa jiruu, kan walnyaatinsa sammuu fi kalaqa agarsiisu, OSA humna saayinsii fi teeknooloojii fayyadamuun qormaata addaa ummata Oromoo mudatu furuuf of kenneera.
Ergamni keenya carraa qorannoo, tumsa fi barnootaa namoota dhuunfaa humneessuu fi hawaasa cimsee guddisuudha. Karaa jalqabbii teeknooloojii afaanii, kunuunsa aadaa fi gaaffii saayinsii irratti xiyyeeffateen, daandii guddinaa fi guddinaa ibsuuf kaayyeffanna.
Beekumsaa fi kalaqa fuulduratti tarkaanfachiisuuf, egeree ifaa hawaasa Oromoo fi sanaa ol mirkaneessuuf nu waliin ta'aa. Waliin taanee dhaloota dhufuuf karaa ibsuu dandeenya.
Muldhata OSA fi Pirojektii Barbaadame.
- Muldhatni OSA marsariitii ijaaru qofarratti kan dhaabbatuuf imala daandii gabaaba qabu miti,itti fufiinsaan hojjetamuun isaa kan biroo dhaloota oromo ijaa barbaachiseefidha.dhalootni iddoo dhaabbatu duwwaa utuun taane yaada,karooraf akeeka dhaabbata yoo qabaatedha boriinsa milkii qaba kan jedhamu.OSA'n muldhata VEBRA jalatti hojjetu ta'e damee marsariitii kaayyoo VEBRA'f dhaabbatef hiriiredha.
- Damee marsariitii baldhaa ijaaramuuf bu'uuradha.
- Odeeffannoo gama saayinsiif tekinooloojii jiru labataa ammaaf qoodudha.
- Afaan Oromoof bu'uura maashini barbaacha(search engine) kaa'uudhaf dhaloota diijitaala dhuunfate socho'u ijaarudha.
Kaayyoo OSA'n Akka Idil-Addunyaatti Qabu
- OSA'n dhimma saayinsif tekinoloojiirratti dammaqsuuf,barsiisuuf fi odeeffannoo hiruuf saayinsii aadaa fi ammayyaa irratti hundaa'ees qooduu fi hojii isaa fi akkasumas argannoo saayinsii ammayyaa haaraa fi kalaqa irratti xiyyeeffate hojjetudha.walumaagalatti OSA mul'ata JDKA'f waan guddaafi bu'aa qabeessa hojjetamuu qabudha.
- Afaan oromo dijitaala'e jiru gama og-barruudhaan guddisuu,marsariiti kalaquufi afaan oromo daran sammuu namtolchee waliin wal barsiisu fi hawaasa keenya itti fayyadama intarneeti booda gara search engine afaan keenya kalaquutti deemudhaf hojii danuu ta'e garuu danda'amu sana caasaa toola ooltumma uumne hojjechuudha.
- Dhaloota saayinsii fi teekinoloojii afaan oromootin jaallatuf irrattis hojjechuuf fedhi qabu uumuuf,karoora waliini hojiidhan guddisuu,labata oromo dijitaala itti bare(adapt) jiruuf abbalti kennuu fi jajjeessuudhan ijaarsa guddaa dhaabudha.

